Gadaan sirna Oromoon jiruufi jireenya isaa qajeelfachuuf adeemsa jireenya keessatti ijaaratedha. Gadaan falaasama jireenya gamtaaf dhuunfaa kan qajeelchu fi safuu uumamaaf uumaa kan hammate sirna bulchiinsaa hundee dimokiraasii ammayaati. Sirna Gadaa keessatti namni kamiiyyuu yeroo dhalate irraa kaasee gadaa keessatti hammatamuun gulantaa gadaa hunda keessatti waan irraa eegamu bahachaa, beekumsaa fi muuxannoo argachaatii guddata. Haalli kun immoo akka miseensi Gadaa hunduu sirna Gadaa irratti beekumsa guutuu horatee guddatu taasisa. Namni beekumsa Gadaa guutuu gonfachuun guddatee, Abbaa Gadaa ta’ee muudame immoo biyya gama hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeen qajeelcha; nagaas tiksa. Sirna Dimokiraasii Addunyaan hara gaggeessaa jirtu keessatti hoggantootni karas nagaan wal […]